October 25, 2021

Soba: Fakkiin kun konkolaataa lola Itoophiyaa bahaa irratti gubate hin mul’isu

HAQCHECK

Haata’u malee HaqCheck maxxansicha hubatee soba ta’uu isaa dhugoomseera.

Avatar: Naol Getachew
By Naol Getachew

Naol is a journalist and fact-checker at Addis Zeybe for HaqCheck. He is a professional working in the fields of fact-checking, journalism, online storytelling, and translation.

By Kirubel Tesfaye

Kirubel works as a fact-checker at Addis Zeybe for HaqCheck. He is interested in learning and expanding his writing and journalistic skills.

Soba: Fakkiin kun konkolaataa lola Itoophiyaa bahaa irratti gubate hin mul’isu

Gaafa guyyaa Fulbaana 27, 2014 ALI Fuulli Fesbuukiin hordoftoota 140,000 ol qabu tokkoo “...Rayyaan Ittisa Biyyaa meeshaa diroon fayyadamuun haleella baneera” jachuun Fakkiidha wal-qabsiisuun maxxansee ture. Maxxansiin kuniis hanga baruun kun bahuutti yeroo 55 ol qoodameera. 

Haata’u malee HaqCheck maxxansicha hubatee soba ta’uu isaa dhugoomseera.

Maxxansichiis midiyaa hawasa irratti ka naana’e haala loola Itoophiyaa keessaa jiruun. Loolli kun Onkololeessa 2013 ALI irraa jalqabee hanga amatti Mootumma Fedaralaa Itoophiyaa fi Adda Bilisummaa Ummata Tigiray (ABUT ) jedduu itti fufuun isaa ni beekkama. Loollis kan jalqabe erga Mootummaan Federalaa ABUT Ajaja bahaa raayaa ittisa biyaa miidhuun yakee waraana itti bane booda. Kanaan walqabatees Qajeelchaan Humna Qillensaa Itoophiyaa Diroonii loola kana irratti fayyadama irra oolu midiyaaf dubbataniiru.

Haaluma kanatti, fakkii maxxansa fuula fesbuukii armaan ol kaasne  Barbaadaan duuba-deebi Fakkiin yeroo qorannu fakkiin kun midiiyaan Africanews.com jadhamuun oduu mata-duree “Dangote's factory attacked by protesters in Ethiopia's restive region”dhan akka qoodame hubaneerra.

Meeshaa Abba qabeenyaa Nayijeriiyaa Aliko Dangote ka ta’aan hiriira ummataa naanoo oromiyaa keessa tureen onkolooleessa 4, 2016 ALF magaalaa Ada Berga keessatti konkoolatoonni gubachuun isaanii gabaasameera. 

Kanaafuu, Fakkiin kun akka Fuulaa Fesbuukii kana irratti maxxanfametti haala ammaa loola Tigraay keessa jiru waan hinargisiisneef HaqCheck Soba jadhee ramadeera.