March 24, 2021

Dhuguma Talaalliin Vaayiresii Koroonaa “Astrazenac” jedhamu Kontoruu dhiigaa fidaa?

HAQCHECKXiinxalaCOVID 19Haala yeroo

Taalaalliwwaan COVID 19 mirkanaa'an keessaa Astrazeneca isa tokko.

Avatar: Abdulahi Abdulkadir
By Abdulahi Abdulkadir

LLM Candidate, Addis Ababa University and Afan Oromo fact checker in Addis Zeybe

By Rehobot Ayalew

Rehobot is a lead fact-checker at HaqCheck. She is a trainer and a professional who works in fact-checking and media literacy.

Dhuguma Talaalliin Vaayiresii Koroonaa “Astrazenac” jedhamu  Kontoruu dhiigaa fidaa?

Dhukkubni vaayiresii koroonaa  covid-19 jedhamu, kan gosa vaayiresii koroonaa kanaan dura addunyaarratti muldhatee hin beekneen muldhate, yeroo jalqbaatiif baatii Muddee gara dhumaa  biyya Chaayinaa magaala xiqqoo Wuhan jedhamtu keessatti muldhate. Vaayiresiin addunyaarratti hanga gaafa barruun kun maxxanuutti namoota miliyoona dhibba tokkoof digdamarratti kan muldhatee fi namoota miliyoona lama qabxii jaha immoo ajjeeseera.   Biyya Itoophiyaatt immoo Vaayiresich yeroo jalqabaatiif kan muldhate Bittootessa 5, 20120 nama ganna 48 lammii biyya Jaapaan imala biyya alaa kan ta’eerrattiidha.     Jalqaba bara 2020 irraa eegalee saayitistoonni biyyoota addunyaa adda addaa talaallii vaayiresii koroonaa barbaaduudhaaf carraaqii adda addaa gochaa turaniiru.  Qorannoon talaallii koroonaa wal tumsa dhaabbata Fayyaa Addunyaa,Industuriilee qorichaa adda addaa fi  dhaabbata mootummaa fi miti- mootummaa adda addaa giduutti haala kaanan dura hin beekamnee fi haala hin eegamneen  taasifameen yeroo gabaabaa keessatti argamuu danda’eera.

Talaalliin kun madiinummaa namni uumamaan qabutti dabalamee, karaa caarraa dhukkuba  qabamuu nama tokkoo hiri;suuf fayyaduudha. Innis maddiinummaan qaamaa namaa dabaluudhaan qaamani namaa farraa dhukkuba sanaa akka oomishu gochuudhaan carraa dhukkuba sanaan qabamuu nama taalaallicha fuddhatee xinneessa. Akkasumsa, talaalliin kun vaayiresii du’e yokaan laaffate kan of keessaa qabuu fi vaayiresicha talaallii kana keessa jiru immoo qaamni namaa vaayiresichaan wal baruudhaan akkataa vaayiresii sana ofirraa ittisuun danda’amutti farra vaayiresii sanaa qaama namaa keessatti oomishuudhaan gara fuula duraatti carraa vaayiresiichaan qabamuu namaa hirdhisa. Miidhaa dalgaa inni qabaachuu danda’u qorachuudhaaf talaalliin kun jalqaba bineensotarratti kan yaalamuu  fi booda immoo namarratti yaaliin taasifama. 

Jalqabarratti midhaa dalgaa qabaachuu fi dhiisuu talaallichaa adda baasuudhaaf talaallichi namoota fedhii qaban muraasaaf ni kennama. Itti aansee marsaa lammaffarratti, lakkoofsa namoota talaallicha fudhachuuf fedhii qabanii dabaluudhaan namoota fedhii qaban kumaatamaan laakkawamaniif kennuudhaan miidhaa dalgaa talaallichi geesisuu danda’u itti siqeenyaan hordofama.  Marsaa sadaffaarrttis lakkoofsa namoota taalaallicha fudhatanii dabaluudhaan miidhaa dalgaa talaallichai fiduu danda’u sirriti hordofama. Erga bu’aan qorannoo kilinikaalaa talaallicha ifoomeen booda, yaalileen dabalataa barbaachisoon biro erga godhameen booda talaalichiifatti ummata baldhaaf hojiirra oola.   

Vaayiresiin koroonaa Covid-19 jedhamu addunyarratti muldhatee turtii wagaa tokko hin guutne keessaatti talaalliin vaayiresii koroonaa adda addaa muldhachuu eegaleera. Within less than 12 months after the beginning of the COVID-19 pandemic, several vaccines have started to be rolled out. Akka fuulli  COVID 19 Vaccine tracker jedhamu ibsutti, talaalliin koroonaa gosa adda addaa 200 caalantu yaaliirra kan jiranii fi taalaalliwwan kudha sadi ta’an immoo yoo xiqqaate biyya tokkoon mirkanaa’aniiru. Jalqaba ji’a bitootessaarraa eegalee duullii talaallii koroonaa keenuu baldhinnaan itti fufeera.    Jalqaba ji’a bittootessaarraa eegalee  talaalliwwan shan  Moderna, AstraZeneca, Pfizer/Biontech, Sinovac, and Beijing Institute of biological product vaccines jedhaman erga dhbbata Fayyaa addunyaatiin mirkanaa’anii booda  hawaasa baldhaaf laatamauudhaan miidhaa fi faayidaan isaanii qoratamaa tureera.  Talaalliwwan kanaan dura mirknaa’an keessaa talaalliin ‘AstraZeneca’ jedhamu biyyoota kudha sadi keessatti yeroo 22 kan yaalamee fi biyyoota 74 oliin fudhatama kan argateedha.    Gatiin talaallii kanaa salphaa ta’uu fi akka salphatti kuusudhaaf mijataa ta’uunsaa immoo talaalliiwwan koronaa mirkanaa’aan birorraa adda isa taasisas jedhameera.  Haa ta’uu malee, jalqaba ji’a Muddeerraa eegaluudhaan soda fi shakiin talaalliin ‘AstraZeneca’ kontoruu dhiigaa fida jedhu irra deddeebiidhaan muldhachuu eegaleera. 

Kontooruu dhiigaa jechuun yeroo dhiigni namaa dhangalaa’aa irraa gara gar-tokkee jajjabotti jijjiiramuuf jedhu jechuudha. Kunis yeroo hedduu yeroo qamni namaa madaa’uudhaan dandamatu qaamni namaa humnaa oli  hin dhiigne gochuudhaaf kan uumamuudha. Haa ta’uu malee, dhiigni namaa yeroo hin barbaachifnetti kan kontooru yoo ta’e rakkoo fayyaa hamaa qaqqabsiisuu danda’a.  kontooruun dhiigaa kun kutaalee qaama namaa gara garaa irratti muldhachuu ni danda’a. Fakkeenyaaf, kontorun dhiigaa Aartarii irratti yookaan vein irratti muldhachuu danada’a.  kontoruun dhiigaa yeroo hedduu namarratti muldhatu ‘ deep vein thrombosis (DVT) jedhamuun beekkama. Kunis yeroo hedduu miila namaarratti kan muldhatu yoo ta’u darbee Somba, onnee fi sammuu  irrattis muldhachuu danda’a. kontoruun dhiigaa rakkoolee nama vaayiresii koroonaatiin qabaman irratti muldhatu keesaas isa tokko.  Sabani isaas gubaan qaamaa deebii sirni madiinummaa qaama namaa iinfeekshinoota miidhaa qaqqabsiisaniif godhuudha.  Qorannooleen adda addaa akka agarsiisutti namoota vaayiresii koroonaatiin qabaman irratti  gubaan qaamaa irra deddeebiin kan muldhatuu  fi akkasumas kun  kontoruu dhiigaa kan fiduudha.  

Akka dhaabanni CDC jedhamu ibsutti lakkoofsi namoota kontoruu dhiigaa kanaan wagatti biyya Ameerikaatti qabamanii gara kumma dhibba sagalitti kan siqu yoo ta’u, namoonni kuma jahaatamaa hanga kuma dhibbaa ta’an immoo sababa kontoruu dhiigaatiin ni du’u. Akkasumas, akka dhaabanni kontoruu dhiigaa biyyoolessaa  biyya ameerikaa agarsiisutti carraan dhukkuba kontooruu dhiiggaan qabamuu nama wagatti 1000 keessaa nama tokkoo hanga sadihii yoo ta’u namoonni 274 wagatti sababa dhukkubichaatiin ni du’u.  Seekondii 37 keessatti namni tokko biyoota dhihaa keessaa sababa kontoruu dhiigaatiin ni du’a.

Gaafa Bitootessa 1, 2013 biyyi Awustaraaaliaa dhukkuba kontoruu fida jechuudhaan talaallii fayyadama AstraZeneca addaan kuttee turte.  Biyya Awostaraaliyaa hordofuudhaan biyyoonni akka Deenmaark, Noorwoy fi biyyoonni Awuroopaa biro itti fayyadama talaallichaa dhaabuudhaaf murteessuuni. Bittootessa 15 irraa eegaluudhaan biyyoonni 21 kanneen akka biyya Taayilaand, fi Ripaablika Dimokiraatawa Koongoo hedduun isaanii itti fayyadama qorichichaa kan dhaaban yoo ta’n kanneen hafan immoo guutumatti talaallichi biyya keessa akka hin seene dhoorkanii turan.  Karaa biraatiin Itoophiyaan talaallicha Doozii miliyoona 2.184 jalqaba ji’a bitootessaa karaa dhaabbata ‘COVAX Faclity’ jedhamuun argatee turtle.   Ministeerri ministeera Fayyaa Fidiraalaa Dr. LIyaa Taadda saashakkiin namoonni waa’ee dhukkuba kontooruu dhiigaa fiduu wajjiin wal qabatee kaasan akkauma jirutti ta’ee, itti fayyadamni talaallii vaayoresii koroonaa itti fufuu qaba jette. 

Kun akkuma jirutti ta’ee, dhaabanni Fayyaa Addunyaa ibsa waa’ee talaallii kanaatiin wal qabatee baaseen rakkoon kontooruu dhiigaan wal qabatee talaalichi fiduu danda’u akkuma jirutti ta’ee, faayidaan talaalliin kun Vaayiresii koroonaa ittisuudhaaf qabu miidhaa inni gama birootiin fidu waan caaluuf itti fayydamni isaa itti haa fufu jedhe. Dhaabbanni Ejensii Qorichaa Awuroopaa jedhamu  wal gahii addaa gaafa Bittootessa 10, 2013 gaggeesseen, dhukkubni vaayiresii Koroonaa mataansaatuu kontooruu dhiigaa waan fiduuf, rakkoon kontooruu dhiigaa dhukkubsatoota vaayiresii Koroonaa irratti muldhatu kan talaalli wajjiin wal qabate ta’uu qorannoon mirkaneessee waan hin jiru jedhe. Akkasumas, faayidaan talaallicha faffaca’uu vaayiresii koroonaa ittisuuf qabu miidhaa inni tarii fiduu danda’u waan caaluuf itti fayyadamani talaallii kanaa itti fufuu qaba jedhe. Itoophiyaan biyyoota Talaallii Vaayiresii Koronaa Astrazeneca dursanii fudhatan taatullee, akka Ministeerri Ministeera Fayyaa Fidiraalaa Dr. Liyaa Taadasaa Jedhanitti, dhuma bara faranjootaa 2021tti dhibbaantaa 20 ummata biyyaattiitif talaallicha kennuudhaaf kan karoorsanii fi ummata biyyaa guutuudhaaf talaallicha kennuudhaaf immoo yeroo dheeraa akka fudhatu ibsite. Haa ta’uu malee, namoonii adda addaa of egannoon Vaayiresii koroonaatiif godhamu kan yeroo kamuu caalaa cimuu akka qabuu fi abdii talaalliin vaayiresii koroonaa argame jedhuun hawaasni dagannoo keessa akka hin seenne akeekkachiisaa turanniru.    

Afaan Ingliffaa irraa gara Afaan Oromootti kan hiike:    Abdullaahii Abdurqaadir