August 27, 2021

Dhuguma Dirooniin humna ABUTiin rukutameeraa?

HAQCHECK

HaqCheck odeefannoon tuwitii irratti maxxanfame SOBA ta'uu isaa dhugoomseera.

Avatar: Rehobot Ayalew
By Rehobot Ayalew

Rehobot is a lead fact-checker at HaqCheck. She is a trainer and a professional who works in fact-checking and media literacy.

By Naol Getachew

Naol is a journalist and fact-checker at Addis Zeybe for HaqCheck. He is a professional working in the fields of fact-checking, journalism, online storytelling, and translation.

Dhuguma Dirooniin humna ABUTiin rukutameeraa?

Maxxanssi Tiwitar tokkogaafa guyyaa Hagayya 20, 2013 ALI Afaan Ingilifaatin maxxanseen, “...Humni Ittisaa Tigiray (ka ABUT jadhamu) dirree loolaa Amaraatti Diroonii loolaa Mootummaan Fedaralaa ittin fayyadamu rukutee ” jadhee ture. 

Tiwitichii hanga barruun kun maxxanfamutti yeroo 375 ol yemmuu qoodameera. HaqCheck maxxansi Tiwitara kana SOBA jedheera. 

Onkololeessa 2013 ALI irraa jalqabee hanga amatti Mootumma Fedaralaa Itoophiyaa fi Adda Bilisummaa Ummata Tigiray (ABUT ) jedduu looli itti fufe jira. Loollis kan jalqabe erga Mootummaan Federalaa ABUT Ajaja bahaa raayaa ittisa biyaa miidhuun yakee waraana itti bane booda. 

Loola kana irrattis qondaalli RIB waraanaf Dirooni ammayyaa fayyadaratti ooluu himan.

Haata’u malee Fakkii duubatti deebisuudhan qorachuun fakkichi dhimma loola Tigiray waliin akka wal hi qabanne dhugoome. Fakkiin duraa yeroo jal qabaaf kan qoodame Onkoloolessa 20,2020 ALA yemuu ta’uu, innis Diroonin Turk waraana Ittisaa Artsakhtiin loola 2020 Nagorno-Karabakh irratti yeroo rukutame kan ka’edha. 

Fakkii Jalqabaa 1 

Fakkiin lammafaa Adoolessa 16, 2020 ALA kan kodamedha. Iniis yeroo Droonii Arman Humna Azarbajaanin rukutamee toora baahaa biyyatirrati kufe kan ka’eedha.

Fakkii duraa 2

Kanafuu, HaqCheck Diroonin Mootummaa akka tuwitii kana irratti jedhame human ABUTiin akka hin rukutamne dhugoomseera. Kanaafuu, maxxansi Tuwitari kun SOBA jedheera.