September 2, 2021

Dhuguma Baankoonni badhaasa adda-addaa Telegiraam irratti qopheesaniruu?

HAQCHECK

HaqChek maxxansoota qorachuudhan ERGAA GOWWOOMSINAA ta’uu isaani dhugoomseera.

Avatar: Naol Getachew
By Naol Getachew

Naol is a journalist and fact-checker at Addis Zeybe for HaqCheck. He is a professional working in the fields of fact-checking, journalism, online storytelling, and translation.

Dhuguma Baankoonni badhaasa adda-addaa Telegiraam irratti qopheesaniruu?

Fuulli Telegiramiin adda-addaa maqaa fi loogoo Bankii daldalaa EtoophiyaaBankii Abbay fi Bankii Amaaraa fayyadamuun ergaa qoodaa turuu isaanii ilalameera. Ergaan maxxaansoonni Telegiraami kunis Bankoonni wagga harawaa Itoophiyaatif fuulli Telegiraamin akka sochaa’u carraa badhaasaa qopheesuu isaani ibsa.

Hanga barruun kun maxxanfamutti Chaanaaloonni Telegiramiin kun akka walitti anuu isaanitti hordoftoota 52,350, 7,733 fi 67,480 qaban.

HaqChek maxxansoota qorachuudhan ERGAA GOWWOOMSINAA ta’uu isaani dhugoomseera. 

         

    

 


 

Fuulli Teleegramii Duraa “Baga gamaddan! Sababa Bankiin daldalaa Itoophiyaa Bu’aa Tiriliyoona 1.1 argateef Pirezidantiin Bankii kenya Obboo Abii Sanoo Hanga fulbaana 5 badhaasoota adda-addaa qopheeseera.” jadhee badhasoota tareedhan lafa kaa’a.

Badhaasnis isa 1ffaa kan ta’ee “konkolaataa miila sadi’ii hanga qarshii 300,000 tilmaamaman namoota 200f” kaasee hanga badhaafama 5ffaa “qarshii kuma 5 fi mobayila namoota 100f” gahuuti tareesera. Dhumarrattis namni badhaafamuu barbaadu dura Chaanalicha seenuu fi maxxansicha namoota 50f qooduu dirqama ta’uu isaa akeekkachiisa.

Fuulli Isa Lammafaa moo “Carraa keessan yaalaa. Wagaa haraaf badhaafaama addaa 500,000 Bankii Abbay irra” jadhee jalqaba. Itti fufeetis badhaasoot Tokkoo hanga jahaa tarreesa. Badhaasa argachuufis dura chaanaalicha seenuu, achumaanmoo Ergaa kana namoota 50f qooduu, dhumarratti gara Gurmuu Telegiraami maqaa bankichaan baname keessa miseensa ta’uun akka barbachisu hubachiisa. 


 

Fuulli Sadafaanis “Chaanalicha keessa seenuu fi maxxansicha namoota 50f qooduun badhaasoota adda-addaa badhafaamuu akka danda’an ergaa dabarsa. Kanaafis Baankiin Amaaraa wagaa haaraa 2014 ALI waan Hoojii jalqaabuuf maamila bayiisuuf badhaasa qoopheesuu isaa himuun Sababa kan godha. 

HaqCheck oddeeffanicha dhugoomsuuf miseensa boordii Baankii Amaaraa kan ta’an Dr. Laxeenah Ijjiguu dubbiseera. Dr. Laxxeenah “Maxxansoonni Telegiraami maqaa Baankii Amaaraatiin bahaan soba.” jadhaniiru. Walqabsiisanitiis “Baankiin keynaa hanga amma fuula miidiiyaa hawasaa Homaa akka hin qabneefi maamiltoonni keenyaas odeeffannoo sobaa irraa ofeegganoo godhaa.” jadhaanii hubachiisaniru. 

Haala biraatiin torbaan jaha dura Baankiin daldalaa Itoophiyaa Fuula Fesbuukii ifaa isa irratti maamiltoon isaa fuula soba maqa dhabbatichaan banaman irraa akka of eegan hubachiisuun Fuuloota miidiyaa hawasaa dhabbatichi ittiin fayyadamu tareeseera. 

Walqabatees Chaanalooni Telegiraamii toora intarneeta Baankiin daldalaa Itoophiyaa fi Baankii Abbay irraatti walqabatan keesaa waa’ee badhaasni wagaa haaraa Telegiramii irratti geefamu akka hin jiraannee Ilaaleerra. 

Kanaafis HaqCheck maxxansoonni Telegiraamii irrati marsan Ergaa Gowwomsinaa ta’uu isaa dhugoomsee.

Fayyadamtoonis maxxansoo akkanaa yeroo ilaalan:

  • Maqaa toora intarneetichaa hubachuu
  • Odeeffanoo bakkumatti amanuu iraa of eeguun malaan ilaalu 
  • Yeroo fudhachuun qoruu
  • Dhabbata maqaan isaa kaafame dhuunfaan gafaachuun odeefaanoo soba irraa akka of eegan gorsina.